Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Arsii keessatti kan argamu Bosonni gaara Cilaaloo gubataa kan jiru ta’u fi hanga har’atti bosonni lafa Heektaara 230 irraa jiru gubachuun isaa ibsamee jira. Polisiin Godiina Arsii gama isaan ibidda kana dhaamsuuf uummata wal taasisaa akka jiru dubbata.
Ittiin ka’uumsii ibidda kanaa polisiin qorataa jira.Ibidda kana to’achuuf hawaasnii yaalii guddaa gochaa ka jiru ta’uus haga ammaa guutuummaatti to’achuun akka hin danda’amiin jiraattonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.Ibiddi kun Bosoona qofa otoo hin taane bineensoota dagalaa irratti badii inni geesisee ammaaf hin beekamin jira.
Waajira Polisii godinaa keessatti itti gaafatamaan komunikeshinii Inspektar Gammachuu Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti ibiddi kun midhaa guddaa geesisee jira. Gabaasa Guutuu Caqasaa