Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Ibsa Tuuta Oduu Isa Dhumaa Kennan


Obaamaan Ibsa Tuuta Oduu Isa Dhumaa Kennan
Obaamaan Ibsa Tuuta Oduu Isa Dhumaa Kennan

Prezidaantiin US Barack Obaman akka hoogganaa Ameerikaatti har’a ibsa tuuta oduu isa dhumaa kennuuf jiran. Kan prezidaantummaaf filataman Donald Trumpiin ilaalchisee akkasumas miseensa waraanaa galmee waraanaa icictii miliqsee baaseef araraara gochuu isaanii irratti gaaffiin dhiyaachuufiif jira.

Obamaan waggaa saddeetiif White House keessa erga jiraatanii booda Jimaata dhuftu hojii dhaabuuf jiru. Trump immoo kakatanii aangoo qabachuuf jiru.

Demokraatichi Obaamaan ennaa duula filannoo Republikaanticha Trumpiin dureessicha gurgurtaa manaa irratti bobba’aan jajaa waraana walii galaa kan US ta’uuf ga’aa miti ittiin jedhan.

Haa ta’u malee filannoo booda Obamaan Trump waliin wal arguu dhaan aangoo nagaan walitti dabarsuuf mari’atanii jiran.

Ennaa yeroon prezidaantummaa Trump dhiyaataa dhufe kanatti garuu keessumaa tarkaanfii sadarkaa ol aanaa Obaamaan fudhatanii Kongresii dhaan raggaasisame kan akka insuraansii eegumsa fayyaa “Obama Care” jedhu hambisuuf dhaadachuu isaanii ilaalchisee muddamni hoogganoota lamaan giduu hammaatee jira.

XS
SM
MD
LG