Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Prezidaant Traamp Ka Taayitaa Fudhataa Jiru Jalatti Gargaarsi Alaa Hagi Tokko Jijjiiramuu Mala


Mootummaa Prezidaant Traamp Ka Taayitaa Fudhataa Jiru Jalatti Gargaarsi Alaa Hagi Tokko Jijjiiramuu Mala
Mootummaa Prezidaant Traamp Ka Taayitaa Fudhataa Jiru Jalatti Gargaarsi Alaa Hagi Tokko Jijjiiramuu Mala

Ka ministarummaa dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiif kaadhimaman – Rex Tilerson, yeroo qorannaa mirkaniif mana-mare murtii-seeraa Yunaayitid Isteets duratti dhihaatan, biyya isaanii Addunyaa irratti arjoominaan ol’aantuu taate – Yunaayitid Isteets irraa gargaarsi kennamu, mootummoota malaammaltummaan guutamaniin akka hin maqsamne yokaan akka hin hatamne maal akka godhan miseensota mana-mareen gaafatamanii turan.

Donaald Traampii fi mootummaa isaanii, gargaarsi alaaf kennan -- mirga abbaa-qaabeenyaa, ol’aantummaa seeraa fi hojii farra-malaammaltummaa jajjabeessuutti ka fuuleffatu fakkaata.

Yeroo manni-maree lameenuu ol’aantummaa Ripablikaaniin geggeessamaa jiru kanantti - Kanneen jarreen amantiitti cichan aarsan – sagantaaleen gargaarsa argataa turan tokko tokko waan keessa deebi’amanii ilaalamuuf jiran fakkaata. Sagantaaleen akka karoora maatii fi wal’aansa fayyaa qaama dhaluu, kan ittisaa fi wal’aansa HIV/AIDSii gargaarsa argachuuu irratti yaaddoo tu jira – jedhu – xiinxaltoonni.

Garuu, kan amma taayitaa gad-lakkisuuf jiran – ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii, baajeta waggaa bara kanaa Biliyoona 34 caalaa ka barbaadan ta’uu dubbataa jira. Dargaggota balaa garee fiinxaaleessotoa amantii Islaamaan hawatamuu irraa oolchuuf, gargaarsa barnootaa kennuun barbaachisaa akka tahe dubbatan.

Mootummoota adda addaa keessatti, hojiiwwan dippiloomaasii, misoomaa fi gargaarsa biyyoota alaa paartiilee lameen biraa iyyuu deggersa argataa ture. Dantaa naga-eegumsaa fi dinagdee Ameerikaaf barbaachisoo waan ta’aniif gargaarsawan kun mootummaa dhufaa jiru jalatti illee itti fufa – jedhamee eegama.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Mootummaa Prezidaant Traamp Ka Taayitaa Fudhataa Jiru Jalatti Gargaarsi Alaa Hagi Tokko Jijjiiramuu Mala
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00

XS
SM
MD
LG