Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Hoggantuun VOA murtii Abbaan Taayiyaa Miidiyaa Itoophiyaa laalchisee kennan


voa logo
voa logo

Daayreektarri Sagalee Ameerikaa ka yeroo, Yolaandaa Loopeez Abbaan Taayitaa Sabaa-himaa Itoophiyaa Raadiyoonii Ahaaduu fi TV-n gabaasaalee Sagalee Ameerikaa (VOA) akka hin tamsaasne ajajuu isaatti gadduu isaanii ibsan.

“Sagaleen Ameerikaa qajeelfamamoota gaazexeessummaa; dhugaa, madaalaawaa fi hunda hirmaachise cimiseetu hordofa,” ka jedhan Loopeez qabiyyeewwan hojii VOA dhimmoota uummata Itoophiyaaf barbaachisoo ta’an irratti akka xiyyeeffatus eeraniiru.

“Ajejni darbe kun odeeffannoon walabaa akka lammiiwwan Itoophiyaa bira hin geenye gufuudha,” an jedhu ibsichi, “kun gaazexeessota biyya keessaa illee rifaasisa,” jedha.

Dhumarrattis, hoggantuun tun Abbaan Taayitaa Sabaa-himaa Itoophiyaa gochaa isaa irra deebi’e akka ilaalu gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG