Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsaan Magaalaa Maqalee Guyyoota Shaniif Adda Cituun Rakkoo Keessa Nu Buuse Jedhu Jiraattonni 


Faayilii - Magaala Maqalee
Faayilii - Magaala Maqalee

Naannoo Tigraay keessaa tajaajilli ibsaa kamisa darbe addaan cite hanga har’aatti bakkatti kan hin deebine ta’uun ibsamee jira. Magaalaa Maqalee keessaa mana daabboo kan qaban obbo Abrahaa suma akka dubbatanitti guyyoota shanan darbe ibsaan waan adda citeef hojii isaaniitti gufuu ta’uu dubbatu. Ibsaan amma amma adda cituu dhaan suphuun battala utuu hin suphamin turuun mootummaan ta’e jedhee uummaticha miidhuuf kan raawwate jedhanii kan amanan ta’uu dubbatan.

Rakkoo jiru battala furuu dhiisuu dhaan uummaticha dinagdee dhaan miidhuuf kan ta’e shira siyaasaa ti jedhan. jiraattonni magaalattii tajaajilli ibsaa waan hin jiraanneef bishaannis adda cite rakkoo keessa jirra jedhu. Mootummaanis uummataaf yaade uummatichaaf hatattamaan furmaata kennuu qaba jedhu.

Daayirikterri kominikeeshinii tajaajila humna ibsaa Itiyoopiyaa obbo Moges Mekonnin dhimma kanaa gaafatamanii tajaajilli ibsaa maaliif akka adda cite waajjirri isaanii quba hin qabu jedhan. Hojjttoonnis bobba’anii rakkoo isaa qorataa jiru jedhan.

Rakkoon jiru furamee tajaajilli ibsaa yoom akka itti fufu gaafatamanii, rakkoon jiru maal akka ta’e waan hin beekamin jiruuf yoom akka ta’e ibsuun rakkisaa dha jedhan. Ibsaan amma amma adda cituun shira siyaasaa ti jechuun kan jiraattonni himtan waan hiika qabu miti jedhan. Naannoo sanaa ibsaan kan inni baduuf daandiin ibsaa gurguddaan waan citeef jedhaniiru.

Qaamni kana raawwate eenyuunuu haa ta’u Waaltaa keenya kasaarseera jedhan. hojii uummatichaa kan hawaasummaa isaa fi dinagdee isaa danqeera jedhan. miidhaa dhaqqabe duuba garuu kanatu jira jedhanii dubbachuun rakkisaa dha jedhan jechuu dhaan Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG