Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyophiyaa Seera Barreessitoota Interneetii Irraatti Yaaddoo Uume Wixinatee Jira


Faayilii -Gaazexessonni akka hiikaman gafachuudha hiriira Keeniyaatti bara 2006 taasifame
Faayilii -Gaazexessonni akka hiikaman gafachuudha hiriira Keeniyaatti bara 2006 taasifame

Seera haaraa Itiyoophiyaan baasaa jirtu, Ka Labsii Yakka Komiyuutaraa – jedhamu kana kanneen qeeqan akka jedhanitti , seerri kun namoota yaada isaanii interneetii irratti ibsatan adabuuf, mootummicha Itiyoophiyaaf daranuu balbala bana.

Kan Marsariitii yokaan Weebsaayiti mataa ofii qabu - Barreessaan interneetii irraa yokaan Bloogeriin Daani’eel Birhaanee, waa’ee kanaa ennaa ibsu, “Seericha keessatti, keeyyati yakka Saayiberii yokaan interneetii irraaf baasame sun nama yaada isaa interneetii irratti ibsate kam iyyuu adabuuf oolfamuu danda’a” – jedha.

Wixineen seeraa Mootummaan Itiyoophiyaa baase sun irra-jireessa yakka fi naga-eegumsa Saayiberii yokaan interneetii irraatti fuuleffate. Kana malees namoota ergaa imeelii namoota hedduutti al-tokkotti facaasan akka hidhuu fi otuu mana-murtii irraa ehama hin argatiin, dhaabbanni tikaa yokaan basaasaa akka qorannaa geggeessu of keessaa qaba – wixineen seeraa kun.

Ministarri Haqaa Itiyoophiyaa garuu, seerri kun ba’uun isaa namoota ilaalcha isaanii interneetii irratti ibsatan irratti jijjiirama fidu hin qabu. Seerri kun kallattiin kan itti fuuleffatu kanneen kaayyoon isaanii maqaa xureessuu tahe qofa irratti. Yoo kaayyoon isaanii maqaa xureessuu tahe itti gaafatamu. Maqaa xureessuun yakka – jedhu.

Itiyoophiyaan namoota yaada isaanii interneetii irratti ibsatan qabuu fi hiduutti bal’inaan qeeqamaa turte. Gaazzexeessaa fi Bloogeriin, Iskindir Naggaa, hidhaan waggaa kudha-saddeetii itti muramee yeroo ammaa mana-hidhaa jira. Gurmuun gaazzexeessota interneetii irraa “Zone 9” jedhaman qabamanii, waggaa tokkoo oliif mana-hidhaa turan. Dubbi-himaan paartii mormituu, ka “Semaayaawii Paartii” – Yonaattaan Tesfaayee, yaada “Facebook” irratti kenneef yakkamee gara baatiilee ja’aaf mana hidhaa jira.

Garee mirga dhala-namaa - Amnesty Internaashinaal – Habeen Fekaaduus, mootummaan Itiyoophiyaa seera farra-shaororkeessummaa bara 2009 baasetti gargaaramuudhaan, kanneen isa qeeqan irratti akka tarkaanfii fudhataa jiru dubbatan. Wixineen seeraa amma ba’e kun, torbanneen xiqqoo keessatti hojii irra oolfama – jedhamee eegama.

Mootummaan Itiyophiyaa Seera Barreessitoota Interneetii Irraatti Yaaddoo Uume Wixinatee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG