Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iyyati Obbo Jawaarfaan Dhiyeeffatan Fudhatama Hin Arganne


Faayilii - Obbo Jawaar Mohammad fi deeggartoota isaa
Faayilii - Obbo Jawaar Mohammad fi deeggartoota isaa

Obbo Jawaar Mahaamadfaa abaan murtii dhimma isaanii qoratan akka jijjiiramaniif iyyaannaan dhiyeeffatan fudhatama hin argatin hafe. Kanneen iyyannaa dhiyeeffatan kun adaba maallaqaatu itti murame. Abukaatoon himatamtootaas komee isaanii ibsaniiru.

Abbaan Murtii Akka Jijjiiramuuf Iyyati Obbo Jawaarfaan Dhiyeeffatan Fudhatama Hin Arganne
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:56 0:00

Obbo Jawaariin dabalatee shakkamtoonni 14 beellama isaanii Wixata darbee irrati dhaddacha qorannaa duraa abbaan murtii hoogganan dhimma keenya loogii malee nuu ilaalu jennee waan hin amanneef nuuf haa jijjiiraman jechuun iyyata dhiyeeffatan manni murtichaa fudhatama dhabsiise.

Beellama duraanii irratti shakkamtoota keesssaa tokko obbo Jawaar Mohaammed abbaan murtii dhimma sana qoratan loogii malee akka hin qooranne ragaa jedhanii kan dhiyeessan, abbaan murtii sun "si argadhe, harka koo seente kan jedhu waan fakkaatu fuula gammachuu irraa arge," jedhan jechuu isaanii iyyata isaanii kan fudhatama dhabsiise manni murtii sadarkaa tokkoffaa ramaddiin Lidetaa dhaddachi ka biroon ibsee jira.

Manni murtichaa itti aansuu dhaan, abbaan murtii nuuf haa jijjiiramu iyyata jedhuuf sababaa shakkamtoonni dhiyeessan, iyyati qorannaa duraa eeyamamuu hin qabu jechuun kan iyyanne fudhatama dhabuu, miidiyaan seenee haa gabaasu kan jedhu iyyata keenya hin simanne kan jedhuu fi sababaalee kanneen biroo manni murtichaa tarreesseera.

Manni murtichaas sababaan iyyata shakkamtootaa ti kana erga jedhee booda dhaddachi qorannaa duraa, qabiyyee dhimma jiruu irratti kan hin falmisiisne ta’uu ibsuu dhaan akeeki isaa mana murtii ol aanaaf ragaa walitti qabuu ta’uu beeksisee jira.

Dhaddachi kun falmisiisuus ta’e murtii kennuuf aangoo waan hin qabaanneef iyyati dhiyaate fudhatama hin qabu jedhe. Gama biraan kanneen iyyatan abbaan seeraa nuuf haa jijjiiramu jedhanii ennaa gaafatan tilmaama malee ragaan kan irratti hin dhiyaanne yaada ofii waan ta’eef iyyati sun fudhatama dhabeera jedhe manni murtii sun.

XS
SM
MD
LG