Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Somaaliyaa Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafate 


Somaaliyaa waaltaa naannoo Mudug keessatti lola al-Shabaab fi jiratttota hidhatan gidduutti ka’een yoo xiqqaate namoonni 10 du’uu fi kanneen biroon shan madaa’uu kanneen ijaan arganii fi angawoonni dubbataniiru.

Lolli sun har’a ganama erga leellistoonni al-Shabab kanneen meeshaa gurguddaa hidhatanii fi naannoo sana hanga tokko to’atan jiraattota ganda Shabellow kan Ba’aad Weyin irraa fageenya km 20 irratti argamu irra dilaala kaa’uuf yaalanitti ture. Konyaan kun maadhee waraana Somaliyaa murna 21ffaa ti.

Kan meeshaa gurguddaa hidhatan miseensonni al-Shabab jalqaba ganda keenya keessa darbuuf gaafatanan, garuu booda irra ganda keenya to’achuu waan barbaadaniif nutis dura dhaabbanne jechuu dhaan hoogganaan ganda Sanaa Mohamed Ibrahim VOAf bilbilaan ibsanii jiru. Mr. Ibraahim akka jedhanitti jiaraattonni saddeetii fi leellistoonni al-Shabaab saddeeti lol asana keessatti du’aniiru.

Al-Shabaab maanguddoo fiiganii miliquu hin dandeenye tokko dabalatee siivilota saddeeti ajjeesuu isaanii fi reeffi loltoota shabaab ja’a daandii irratti kufee argeera jedhan Ibrahim.

Jiraattonni akka jedhanitti gareen finxaaleyyii kun yeroo gabaabaaf ganda sana to’atanii, manneen jireenyaa fi daldalaawwan guban.

Gareen al-Shabaab haleellaa sanaaf itti gaafatama fudhachuu dhaan gandi sun maadhee waaana Somaaliyaa ti yoo jedhu jiraattonni garuu ni haalan.

Jalqaba waggaa kanaa jiraattonni duruu dinagdeen isaanii miidhamee qabeenyaan isaanii saabaa hongeen duraa manca’e gareen kun dilaala akka baasan gaafachuu isaa fudhatama dhabsiisanii jiran.

Gandeenii f horsiisee bulaan naannoleee Somaaliyaa waaltaa keesssaa hedduun meeshaa waraanaa hidhachuu dhaan loltoota al-Shabaab beeldaalee isaanii dabalatee qabeenya isaanii saamnitti duuluu eegalanii jiran.

XS
SM
MD
LG