Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii fi Walitti Bu'iinsa Godina Walaayittaa


Bulchaan Naannoo Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw
Bulchaan Naannoo Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw

Biyya diiguuf qaamotii sosso’an waliin wal ta’an kanneen ittiin jedhaman hooggannota godina Walaayittaa dabalatee namoonni 26 hidhamuu isaaniitti aansuu dhaan walitti bu’iinsa uumameen namoonni shan du’uu isaanii fi lakkoobsi isaanii kan hin beekamnin immoo madaa’uu isaanii itti aanaa bulchaan naannoo uummattoota kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw beeksisaniiru.

Mootummaan gaaffii uummataa karaa nagaa fi heera irratti hundaa’ee deebisuuf qiyyaafata addaa itti kennee hojjetaa ennaa jiru kanatti haalli uumame kan isaan gaddisiise ta’uus ibsa TV naannoof kennan irratti ibsaniiru.

Hoogganoonni godinaalee gaaffii naannoo waliin wal qabatee mootummaa naannoo kibbaa fi federaalaa waliin komee keessa seenan kan jedhan jiraattonni magaalattii galma wal ga’ii keessa turan keessaa hooggana godinaa fuudhanii hidhuun gaaffii uummataa ukkaamsuuf yaalii ta’ee dha jechuun qeeqaniiru.

Jiraataan mgaalattii obbo Asraat Toomee gama isaaniin raayyaan ittisa biyyaa magaalattii to’atee jiraachuu isaa fi Walayittaa Sooddoo naannolee ka biroo torba waliin daandiin wal agarsiisu dheengadda galgalaa kaasee cufamuu isaa dubbataniiru.

Mormii fi Walitti Bu'iinsa Godina Walaayittaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:14 0:00


XS
SM
MD
LG