Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Miinisteeraa Abiy Ahimed Haasaa Prezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kan Baatii Saddeet Duraa Fudhatama Dhabsiisan 


Dubi himaa Waajjira Muummee Ministiraa Itoophiyaa, obbo Nigusuu Xilaahuun
Dubi himaa Waajjira Muummee Ministiraa Itoophiyaa, obbo Nigusuu Xilaahuun

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed haasaa falmisiisaa kan prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa dhageesisanii turan fudhatama dhabsiisuu isaanii dubi himaan isaanii obbo Nigusuu Xilaahuun beeksisaniiru.

Wal ga’ii paartii badhaadhina Amaaraa Baahir Daar irratti muummichi ministeerichaa akka jedhanitti haasaan obbo Shimellis dogoggoraa fi imaammataa fi safuu paartii badhaadhinaa bakka hin bu’u jedhan. Itti dabaluu dhaanis yaada dhiyeesseefis itti gaafatama jedhan.

Haasaan sun ji’a saddeet dura misensota paartii qofaaf kan dhiyaate yoo ta’u miliqee ba’uu dhaan jalqaba turban kanaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasame. Miseensa paartii badhaadhinyaa gameessi obbo Shimellis paartiin badhaadhinaa harawaa fi ODPn icitii dhaan ajendaa Oromoo hojii irra oolchaa jiraniif Itiyoopiyaa keessattiis aboo qabaachaa jirra jechuun ibsan. Haasaan isaanii imaammata muummicha ministeeraa Abiy kan tokkummaa labsu waliin wal fallessa

Waxabajjii 15 haala uumameen booda gara Baahirdaaritti kan imalan muummichi ministeeraa Abiy haasaa paartii badhaadhiinaa Amaaraaf ibsa kennuu dhaan itti aansuu dhaanis sgantaa biqiltuu dhaabuuf qophaa’e ka xumuraa irratti argamaniiru jechuun Aster misganaw gabaasteetti.

*Maxxansa duraa irratti pirezdaantii naannoo Oromiyaa, Obbo Shimellis Abdiisaa ​"itti aanaa "ka jenne dogoggoraanii. Sirreesinee jira.

XS
SM
MD
LG