Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomiiwwan Ispoortii Ameerikaa Yeroo Biraatti Dabarfaman


Koolejiiwwan Yunaayitid Isteetis lama tapha Ameerikaa kan baatii birraa keessa geggeessamu yeroo biraatti dabarsaanii ennaa jiran kanatti weerarri vaayiresii koronaa addunyaa spoortii irraan dhiibbaa kaa’u itti fufee jira.

Komiishinerri konferensii atleetiksii koollejiiwwanii Kevin Waren erga garee bordii gorsitoota eegumusa fayyaa konferensichaa waliin mari’atanii booda akka jedhanitti barattoonni keenya baatii birraa kana dorgommii keessatti hirmaachuun balaa qaba jedhan.

Konferensiin atleetiksii koollejiiwwan kan akka Ohio, Mishigaanii fi Penn state of keessaa qaba. .”

Tapha kubbaa miillaa Ameerikaatti dabaluu dhaan dorogommiin spoortiiwwan kan biroo kan akka dorgommii fiigichaa martinuu yeroo biraatti darbuun ibsamee jira.

Prezidaant Doonaald Traamp garuu taphi kubbaa miillaa Ameerikaa yeroo qabameefitti akka itti fufu adda durummaan kanneen dhiibbaa godhan keessaa ti. Tuuta oduuf White House keessatti kaleessa ibsa kennaniin taphattoonni kun dargaggootaa, cimoo kanneen vaayiresii koronaa of irraa ittisuu danda’an jedhan.

XS
SM
MD
LG