Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Ertraa Seenee Jira


Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii har’a jila bulchiinsa naannoo Amaaraa ADI HALO keessatti wal argan. Jilli afaan yaa’ii naannoo Amaaraa aaddee Warqsew Mamoon durfamuu ture.

Kaayyoon daw’annaa Ertraatti gaggeessan kanaas hogganoota Itiyoophiyaa fi Ertraa giddutti walii galtee nageenyaa argameef dinqisiifannaa qaban ibsuuf akka ta’e bakka buutonni kun ibsanii jiru.

Walii galtee biyyoota lameen giddutti tolfame gama hojii irra oolchuun qooda gama isaanii ba’u akka fedhan ibsan.Michoomaa fi walta’iinsa biyyoota lameen giddutti waggootii diigdamaaf cite ture bifa haaraatti jijjiruuf qophii ta’uus ibsanii jiran.

Daandileen daangaa banamuu jalqaban gama daangaa kaanittis akka banamuuf jiran prez Isaayaas dubbatanii jiru.Bakka buutoonni gara Ertraatti imalan kun prezidaant Isaayaas Afawarqii fi gorsaa isaanii Yemane Gebre abiif kennaa badhaasanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG