Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Uummataa Gaafachuuf Dirqamne: Hospitaala Naqamtee


Eega Ijaaramee tajaajiila jalqabee waggaa sagaltama guutuuf ka jiru Hospitaalli Naqamtee meeshaaleen wal’ansa fayyaa qabu fi manichi ofii isaa iyyu dullomee rakkiina keessa akka jiru ibsamee jira.

Hospitaalli kun namoota godinaalee adda addaa irraa dhukkubsatanii wal’ansa fayyaa sadarkaa olaanaaf ergaman kan keessummeessu (referral hospital) yoo ta’u ogeessoota wal’ansa fayyaa ka sadarkaa adda addaa ga’aa ta’an qabaatus hanqiina mudateen tajaajiila guutuu kennuu dadhabuu isaa Meedikaal Daayreekteera kan ta’an Dr. Taarikuu Taaddasaa ibsanii jiru.

Mootummaa naannoo bulchiinsa Oromiyaas ta’e mootummaa Federaalaa gargaarsaaf gaafataman iyyu hatattamaan deebiin kenname waan hin jirreef baatilee shan dura maanguddoota, abbotii Gadaa, bulchiinsa magaalaa fi uummata gara hospitaala kanaatti afeeruun haala jiru hubatanii gargaarsa danda’an akka gumaachan gochuun hojjataa akka jiru ibsamee jira.

Gama kaaniin rakkoo kanaaf deggersa danda’ame gochuuf jecha kanneen Yunaaytid Isteetes fi Kaanaadaa keessa sosso’aa jiran gargaarsa hanga tokko argachuu dubbatu.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Gargaarsa Uummataa Gaafachuuf Dirqamne: Hospitaala Naqamtee
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:35 0:00

XS
SM
MD
LG