Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kun Hin Ta’aa Jedhee Gonkumaa Yaadee Hin Beeku: Jiraataa Magaalaa Zaalaambessaa


Mummichi Ministeera Ityoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamad fi Prezidaantiin Eertraa Obbo Isaayyaas Afewarqii Sarhaa Zaalaambassaa yeroo seenanitti haala ho’aan simataman.

Sirna kana irratti itti aanaa mummicha ministeeraa Dammaqaa Makoniin, itti aanaa prezidaantii bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Debratsiyoon G/Mikaa’eel akkasumas aangawoonni sadarkaa olaanaa kan biyyoota lameenii argamanii turan.

Dr. Dabratsiyoon haasawaa dhageesisaniin uummattoota biyyoota lameeniin” Baga guyyaa Kanaaf Geessan” jechuun waggaa haaraa waliin ayyaaneeffatan.

Hojiif deemeen magaalaa Zaalaambassaa keessa akka jiru kan dubbatu Sintaayyoo Gammachuu waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Kun Hin Ta’aa Jedhee Gonkumaa Yaadee Hin Beeku: Jiraataa Magaalaa Zaalaambessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:32 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG