Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Itiyoophiyaa fi Ertraa Daangaa Irratti Ayyaana Waggaa Kabajan


Border Ethio- Eritrea
Border Ethio- Eritrea

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad fi Prezidaantiin Ertraa Isaayyaas Afawarqii daangaa Buree fi Bibaay Simaa har’a ifatti bananii jiru.Hogganoonni biyyoota lameenii ayyaana waggaa haaraa sababeeffachuun daangaa kana bananii sana booda looltoota biyyoota lameeni waliin ayyaaneeffatanii jiru.

Daangaan kun banamuun qunnamtii geejiiba daandii biyyoota lameenii iddootti deebisuuf kan gargaaru ta’uun ibsamee jira.Dr. Abiyyii fi Obba Isaayaas itti fufuun Asmaraa eega seenanii booda Sarhaa Zaalaambassaa kan seenan yoo ta’u achittis simannaa ho’an godhameefii akka jiru gabaafamee jira.

Sirna kana irratti itti aanaa mummicha ministeeraa Dammaqaa Makoniin, itti aanaa prezidaantii bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Debratsiyoon G/Mikaa’eel akkasumas aangawoonni sadarkaa olaanaa kan biyyoota lameenii argamanii jiru.Dr. Dabratsiyoon uummattoota biyyoota lameeniin” Baga guyyaa Kanaaf Geessan” jedhanii waggaa haaraa waliin ayyaaneeffatan.

Hogganoonni Itiyoophiyaa fi Ertraa Daangaa Irratti Ayyaana Waggaa Kabajan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:06 0:00

Mummichi ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmad Finfinneetti eega deebi’anii booda ibsa kennaiin raayyaan waraanaa biyyoota lameenii wal hammatanii dhichisaa fi bo’aa turan jedhan.Alaabaan biyyoota lameenii kabajaan fannifamee yeroo akkaan gammachiisaa akka ture kan ibsan Dr. Abiyyi uummattoota tokko garu gamaa fi gamana jiraatan akkasumas raayyaa biyyoota lameenii bakka anaa fi prezidaant Isaayyaas argamneetti daahannaa daangaa diiguun waliin ayyaaneeffanne jedhan.

Magaalaa Zaalaambassaa keessa kan jiru Sintaayyeehu Gammachuu waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Hogganoonni Itiyoophiyaa fi Ertraa Daangaa Irratti Ayyaana Waggaa Kabajan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:02 0:00

XS
SM
MD
LG