Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warra Maleessa Ta’een Guddadhe Dabaree Koo Warra Maleessan Gargaara


Keessummaan keenya har’aa Dargaggoo Gaaddisaa Birhaanuu jedhama. Gaaddisaan godina Illu Abbaa Booraa aanaa Algee Sakkii ganda suphee boroo jedhutti dhalatee Guddate.

Abbaa koo hin beeku harmeen koo immoo umurii koo waggaa afurtiitt narraa duutee jedha. Ijoollummaa isaa qabee haadhaa fi abbaa malee kan guddate Gaaddisaan haala jireenyaa rakkisaa keessa darbuu nuuf ibsee jira. Hamman mana barnootaa koo xumuree Koollejii irraa Eebbifamutti daandii irran jiraataa ture jedha Gaaddisaan.

Yaadannoo harmee koo sammuu ijoollummaa koon kan ani yaadadhu waa xiqqoo dha, garuu haati koo utuu qoraan falaxxuu qottoo dhaan shiboo elektrikii rukttee kutte suphuuf harka isheen qabdee fuula koo duratti kufuu isee nan yaadhadha jedha.

Daa’ima waanan tureef waa’ee ishee yaadannoon qabu kanuma jedha. Kaayyoo ani qabu garuu hiyyummaan karaatti hanbisuu hin dandeenyee jedha.

Kutaa 1: ​Warra Maleessa Ta’een Guddadhe Dabaree Koo Warra Maleessan Gargaara
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:04 0:00
Kutaa 2: ​Warra Maleessa Ta’een Guddadhe Dabaree Koo Warra Maleessan Gargaara
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:46 0:00

XS
SM
MD
LG