Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessaa Waggaa Lama Keessatti Nama Kuma 40 Caalaa Hidhaa Gadhiifaman


Obboo Lammaa Magarsaa, Kabajaa Caamsaa 20 bara 2018 irratti oggaa haasaha godhan

Waggaa haaraa bara 2011 sababeeffachuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa Amaaraa fi Beneeshaanguul keessaa namoonni 8875 dhiifamaan gadhifamanii jiran.

Prezidaantiin mootummaa nannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magrsaa hidhamtoota 5325 dhiifamaan gadhisuu isaanii itti gaafatamaan waajiira komunikeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo ibsanii jiru.

Mootummaan nannoo oromiyaa waggootii darban lama keessatti namoota kuma afurtama caalaa dhiifamaan gadhisuun isaa beekamee jira.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa namnii kuma sadii bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuz 188 caalaa akkasumas bulchiinsa naannoo Gaambeellaa keessaa 370 caalaatu sababaa waggaa haaraan dhiifamaan gadhiifame.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG