Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaa Haaraan Jijjiramni Jalqabame Kan Hundeen Isaa Lafa Itti Qabatu: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Waggaa haaraan bor jalqabu kan hojiin jijjiiramaa jalqabame hundeen isaa lafa itti qabatu ta’uu muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed beeksisaniiru.

Akka muummicha ministeeraatti barri 2011 waggaa guutuu kan itti hojjetan waan ta’eef kana ilaalchisee Raadiyoo sagalee Ameerikaa biraa gaaffii dhiyaateef dhimmi isaan dursa kennaniif keessaa tokko dhimma dargaggootaa ta’uu Dr. Abiy ibsaniiru.

Dhaloota borii barumsaan cimsuu, kanneen hojii irratti bobba’an illee firii garii akka argamsiisan jajjabeessuuf carraa hojii babal’isuufiin hojii waggaa haaraa dhufuu keessaa ti jedhaniiru.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa waggaa haaraa nagaa jaalalaa fi arjoomuu dhaan akka simatan illee muummichi ministeerichaa waamicha dabarsaniiru. Dr. Abiy Ahmed jijjiirama isaan galmeessisan kan ajaa’ibsiifate waldaan orotodoksii Itiyoophiyaa badhaasa beekkannaa badhaastee jirti.

Waggaa Haaraan Jijjiramni Jalqabame Kan Hundeen Isaa Lafa Itti Qabatu: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:16 0:00

XS
SM
MD
LG