Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baga Waggaa Haaraa Geessan: Ambaasaadar Maayik Reener


Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Yunaaytid Isteets kan ta’an Maayik Reener baga ayyaana waggaa haaraa geessan jechuun hawwii qaban ibsanii jiran.Uummata Itiyoophiyaafis ta’e kan addunyaa maraaf waggaa haaraan nufis ta’e maatii keenyaafa akkasumas hiriyyoota keenyaaf abdii hegeeree gaarii qabatee dhufa jedhan.

Keessumaa Itiyoophiyaa keessatti isa yeroo darbee caalaa amma abdiin jiru jabaa dha kan jedhan Ambaasaaddarri Amerikaa Reneer lammiwwan Itiyoophiyaa hedduun jijjirama amma biyya isaanii keessatti argamaa jiruun caalaatti nagaa buusuuf hundumaa of-keessatti qabachuu akkasumas hegeree badhaadhe argiina mul’ata jedhu qabu jedhan.

Uummatii fi mootummaan Itiyoophiyaa mul’ata kana fixaan baasuuf cichi qaban humna, abdii fi hawwii yeroo waggaa haaraan dhufu natti dhga’amu na yaadachiise jedhan.

Itiyoophiyaaf isa woggootii darban caalaa waggootii dhufan kan foyya’an akka ta’an gochuu yoo barbaaddan hunduu qooda keessatti fudhatu qaba jechuun Reeneer hubachiisan.

XS
SM
MD
LG