Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Karra Galaanaa Dhabuun Looltoota Humna Galaanaa Qabaachuu Hin Dhorku: Jeneraal Tse’aree Mokonniin


Raayyaan ittisa biyyaa ajajii Kaabaa waggaa haaraa sababeeffachuun sirna maqalee keessatti gaggeesseen prezidaantiin Itiyoophiyaa Dr. Mulaatuu Tashomaa argamanii jiru.Raayyaan waraana uummataa fi biyyattiilaalcha duraa kennuun heera biyyatti eegsisuuf hojiin gaggeesse jabaatee itti fufuu qaba jedhan.

Mootummaa Fedeeraala Itiyoophiyaaf dura ta’aa ajajoota waraanaa kan ta’an Jeneraal Tse’aree Mokonniin sirna kana irratti akka ibsanti looltoota humna galaanaa ijaaruun barbaachisaa ta’u hubachiisan.

Knaaf waggaa haaraa seenuu kaasee hojiin looltoota humna galaanaa gurmeessuu kun hojii irra akka oolu ibsan. Sababiin isaas Itiyoophiyaan Karra Galaanaa Dhabuun Looltoota Humna Galaanaa Qabaachuu Hin Dhorku jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG