Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummotaa Biyyoota Kutaa Afrikaa Bahaaf Deggersa Akka Godhu Beeksise


Ministeeronni haajaa alaa Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertraa Fuulbaana 6 Jabuutiitti imaluun gita isaanii kan biyyatti wajjiin wal arguu isaanii barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa simatan jechuun dubbi himaan isaanii Stephane Dujarric ibsanii jiru.

Kun biyyoota kutaa Afrikaa bahaa keessatti walitti dhiyeenya uumuuf tarkaanfii qabatamaa fudhatame tokko jedhan.Ministeeronni arfan walii galteen irra ga’aniin nagaa fi tasgabii kutaa sana keessatti argamsisuuf akkasumas walii wajjiin hojjanna jechuun kutaa sanaafis ta’e addunyaaf fakkeenya gaarii ta’u ibsanii jiru.

Biyyonni kutaa Afrikaa bahaa injifannoo argataa dhufan kana irratti Tokkummaan mootummotaas deggersa barbaachisu gochuuf qophii ta’us ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG