Ministrii dhimma alaatti itti aantuun ministeerri dhimmootii Afriikaa Moolii fii fi gaanfa Afriikaaf jila kan ta’an David Satterfield har’a Finfinnee keessatti angawoota Itiyoophiyaa walii wal argnii jiran. Gama isa kam biraa iyyuu ibsi ba’e hin jiru.
Odu gabastonni keenya haala isaa hordofaa jiran. Gama biraan jilli sadarkaa ol aanaa Biriteen kan ministeera Afriikaa, Laatin Ameerikaa fi karibiyaan Viikii Foordiin dursame Finfinnee keessatti angawoota Itiyoophiyaa gameeyyii waliin marii kan geggeesse yoo ta’u, mootummaan waraanni gara Tigraay akka hin seenne dhaabuu isaa fi hidhamtoota beekamoo hiikuu isaa galateeffatee jira.