Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonii Godina Waaghimiraa beelaan du’aa jiru jedhame


Faayilii - Ijoollee fi maatii waraana baqatanii mana barumsaa Addis Faana jedhamu keessa dahatanii jiran, Dasee, Hagayya 23, 2021
Faayilii - Ijoollee fi maatii waraana baqatanii mana barumsaa Addis Faana jedhamu keessa dahatanii jiran, Dasee, Hagayya 23, 2021

Mootummaa naannoo Amaaraa Godina Waag Himiraa keessaatii aanalee Adda Bilisumaa Saba Tigraay jala jiran keessatti namoonii hedduun beelaan du’aa jirachuu isaanii itti gaafatamaan biiroo walquunamitii mootummaa Aanaa Gaazgibilaa VOA ti himaniiru.

Asteer Misgaanawu dargaggootaa 12 anaalee TPLF jala jiran keessaa baqatanii bahan dabalatee, namoottan aanalee TPLF jala jiraan keesaa dhufan asoofsisuudhaan akka gabaastetti , gargaarsi namoomaa waan naannoo sana qaqqabaa hin jirreef namoonii umna dhabaanii achii bahuu hin dandeenye du’aa jiru.

Biroo ittisa balaa fi wabii midhaan nyaata naannoo Amaaraa irraa obbo Iyyaasuu Masfin, bakkeewan namoonnii rakkachaa jiran sana keessati gargaarsii namoomaa akka gahaa hin jireef, kanaan duraa namoonii 10 du’uun isaanni waan ibsamee ta’us yeroo ammaa namoonii du’an dachaadhaan akka dabalee namoottan aanalee sana keessaa miliqanii bahaan irraa baruu isaanii VOA ti himaniiru.

XS
SM
MD
LG