Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joo Baayiden Loltoota Isaanii Afgaanistaan Keessa Kan Turaniif Sababaa Ga’aa Hin Qabu Jedhan 


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken kamisa har’aa utuu hin beeksisamin Kabuuliin daawwachuu dhaan biyyi isaanii loltoota Afgaanistan keessatti hafan gamasii kan baastu ta’uu ishee fi Afgaanistaaniif garuu cicha qabdu kan itti fufutu ta’uu hoogganoota Afgaanistaniif ibsanii jiran.

“Akkaataan michummaa jijjiiramaa jira, garuu michummaan cimee hafa” jechuun Biliinken ennaa prezidaant Ashraaf Gaanii fi angawoota biroo waliin wal argan dubbatanii jiran.

Daawwannaan isaanii kan dhaga’ame erga prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden loltoonni Ameerikaa waggaa kana Fulbaana 11 Afgaanistaan keessaa ba’uu isaanii labsanii guyyaa tokko booda.

“Murticha ni kabajna. Waan dursa kenninuufis sirreessaa jirra” jedhan Gaaniini.

Angawaan gameesichi ministrii dhimma alaa tuuta oduuf ibsa kennaniin, Ameerikaan qabeenyaa waraanaa Afgaanistaan keessaa qabaachuu baattus, yaaddoo dhaqqabuu malu kamiinuu dura dhaabbachuuf dandeettii qabdi jedhan. Blinken embsii Ameerikaatti argamuu dhaan irra hedduu loltoota Yunaayitid Isteetis waliin dubbatanii, bara 2001 jalqaba ennaa humnoonni Ameerikaa gamasitti bobba’anii qabee tattaaffi waraanni godheef galateeffataniiru.

“Isinii fi prezidaantiin isin dura turan waggoota 20n darban keessa hojii ajaa’ibsiisaa hojjettan” jedhan Blinken.

XS
SM
MD
LG