Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Eertraa Haleellaa Tigraay Keessatti Raawwataniin Lubbuu Galaafatan: Amnestii Internaashinaal 


Faayilii- Namoota Tigraay keessatti qehee irraa buqahan
Faayilii- Namoota Tigraay keessatti qehee irraa buqahan

Ebla 12 loltoonni Eertraa walakkeessa magaalaa Adwaa keessatti haleellaa hin eeegamne raawwachuun yoo xiqqaate namoota 3 ajjeesanii kanneen 19 ta’an irraan miidhaa ga’uu Amnestii Internaashinaal mirkaneessuu kan danda’u ta’uu beeksise.

Kanneen ijaan argan Amnestii Internaashinaaliif akka himanitti loltoonni Eertraa magaalattii naannoo Tigraay kana keessa darbaa utuu jiranii uummata daandii naannoo buufata Atoobisii tura irratti akka tasaa dhukaasuu jalqaban jedhan.

Haleellaa seeraan alaa ammas siiviolota Tigraay keessaa irratti loltoonni Eertraa raawwataniin namoonni sadii ennaa du’an, yoo xiqqaat 19 immoo hospitaala keessatti yaalamaa jiru.

Beekaa siivilota irratti haleellaa raawwachuun seera sadarkaa addunyaan dhorkaa dha, kanaaf dhaabachuu qaba jedhu Amnestii Internaashinaalitti itti aantuun daayiriktera naannoo gaanfa Afriikaa, Afriikaa bahaa fi Great Lakes Saaraa Jaaksen.

Balaa ammaa fi ka biroo akkasumas yakka waraanaa fi tarii immoo yakka farra namoomaa walitti bu’iinsa Tigraay keessa jiruun raawwatamaa jiru sadarkaa addunyaatti akka qoratamu gaafanna jedhan.

Ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemane Gebremeskel, loltoonni Eertraa Tigraay keessa jiraachuu fi dhiisuu isaanii utuu hin tuqin, loltoonni Eertraa siiviloota hin ajjeesan jechuun haalan. kurnawwan darbaniif lola yeroo dheeraaf irrra deddeebi’uun Itiyopiyaa waliin ture keessatti maal na dhibdee dhaan loltoota Eertraatiin ajjeechaan siivilota irratti hin raawwanne jechuu dhaan ergaa barreeffamaan Rooyitersiif erganiin beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG