Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan UNHCR Buufata Baqattootaa Dadaab fi kaakumaa Torbee lamatti akka Cufu Ajajde


Faayilii - Buufata baqattootaa Kaakumaa
Faayilii - Buufata baqattootaa Kaakumaa

Keeniyaan dhaabbanni baqataa UNHCR buufataalee baqataa biyyattii keessa jiran turban lamatti akka cufu ajajde.

Freed Maatiyaang’ii, Ministeerri Dhimma Keessoo Keeniyaa kibxata darbe kana kaampileen baqataa Dadaab fi Kaakumaa torbee lama keessatti akka cufamana ajajanii jiru.

Keeniyaan UNHCR Buufata Baqattootaa Dadaab fi kaakumaa Torbee lamatti akka Cufu Ajajde
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:56 0:00

Ministirich, maree hooggantoota UNHCR waliin taasisaniin, guyyoota eeramanitti kaampiiwwan sun cufamanii warri achi jiranis biyyatti galuu qabu jedhan. Bara 2016 rakkoo nageenyaaf Dadaab haa cufamu jedhamee ka ture yoo tahu, murteen Kibxataa kun garuu mareef ka dhiyeeffamu miti jedhan Maatiyaangiin.

Baqattoonni kuma dhibba afurii ol ka buufataalee baqataa kana keessa jiran garuu murteen kun jiruu keenya baayyee burjaajessaa jira jedhu. Obbo Haruun Ibrahiim buufata baqataa Kaakumaa keessa ganna 15’f jiraataniiru, abbaa ijoollee shaniitis. Murteen kun erga darbee baqattoonni waan marti ifa akka hin taasifamneef dubbatan.

Obbo Mohaammed Abdullaahiis ganna 25 oliif buufata baqataa keessa jiraataniiru. Amma Kaakummaa bakka Kaaloboyee jedhamu jiraataa akka jiran ka himan obbo Mohaammed murteen kun hundaaf haarayaa jedhu.

Baqattootni Dadaab jiranis haaluma wal fakkatu dubbatu. Dursaan hawaasa baqattootaa Dadaab, murteen kun baqattootatti yaaddoo kan fidduudha jedhu.

Murtee mootummaa Keeniyaa kana dhaabbileen mirga baqataaf falman kaanis mormaniiru. Otsiyeenoo Namwayaa; Gaanfa Afriikaatti qorataan qabiinsa mirga namoomaa Human Rights Watch’ Keeniyaan lammilee biyyoota gara garaa lola, sarbiinsa mirga namoomaa fi rakkoo kaan baqatanii itti kooluu galan keessummeessuuf itti gaafatama qabdi jedhe.

Namwayaan Keeniyaan yoo kaampiiwwan kana cufuu feete karoora fooyya’aa qabaachuu qabdi, buufata baqataa name kuma dhibba afur keessa boqote guyyaa kudha afuritti cufuun waan dhugaarraa fagaatee jedhan.

Dhaabbanni baqataa UNHCR dhimma kana mootummaa Keeniyaa duuka mariirraa akka jiru hime. Dhaabbatichi ibsa kaleessaan, Keeniyaan baqattootaaf dawoo keennaa turuu ishee galateeffatee, murteen kaleessaa kun garuu jiruu nama baayyee kan goolu jechuun ibse.

Waan murete kanaas baqattoonni akka hin dhiphanneef odeeffannoo barbaachisu karaa bilbilaa dabarsaa jiraachuus beeksise.

Keeniyaa keessa baqattoonni jiran harki caalan lammilee Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa yoo ta’an, galmeen baqattootaa UNHCR lammileen Itiyoophiyaa kuma 29 ol ta’anis koolu galtummaan galmaa’anii jiraachuu ibsa.

XS
SM
MD
LG