Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Tigraay Keessaa Akka Dhaabatu Gaafachuuf Prezidaant Baayiden Mariif Bakka Bu’aa Erganis Muummichi Ministeeraa Abiy Fudhatama Dhabsiisan 


Faayilii - Kaaba Maqaleetti an argamtu magaala Wuquroo keessatti mana hulaan dhukaasaa irratti mullau, Bitootessa 1, 2021
Faayilii - Kaaba Maqaleetti an argamtu magaala Wuquroo keessatti mana hulaan dhukaasaa irratti mullau, Bitootessa 1, 2021

Kan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Itiyoopiyaatti ergan seneterri Yunaayitid Isteetis, muummichi ministeeraa Abiy Ahimed naannoo Tigraay keessatti dhukaasi akka dhaabatu akka labsan gaafatanis gaaffiin isaanii fudhatama hin arganne.

Lolli Tigraay Keessaa Akka Dhaabatu Gaafachuuf Prezidaant Baayiden Mariif Bakka Bu’aa Erganis Muummichi Ministeeraa Abiy Fudhatama Dhabsiisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:52 0:00

Seneter Kris Koons ibsa kamisa kaleessaa kennaniin “ani kan muummichi ministeerichaa fudhatama ka dhabsiisan lolli dhaabatee marii siyaasaa hatattamaan akka jalqabamuun gaafadhe” jedhan.

Koons michuu prezidaant Baayiden itti dhiyoo yo ta’an, miseensa koree hariiroo alaa senetii ti. Yeroo gabaabaaf gaanfa Afriikaatti imalanii yoo deebi’an waraansa humna waraana ittisa biyyaa Itiyoopiyaa fi TPLF gidduutti baatii shan waan ta’uuf geggeessame akka dhaabatu gaafachuuf ture.

Walitti bu’iinsa sanaan uummati kumaan lakaa’aman yoo dhuman kanneen miliyoona tokko ta’an qe’ee ofii irraa buqqa’e. Baqattoonni gara Sudaanitti dheessanii fi Itiyoopiyaa dhuma keessatti kanneen qe’ee ofii irraa godaanan kanneen biroon huccuu isaanii qofaa dudda irratti baadhatanii , miidhaan qaamaa kan irra ga’ee fi haala suukaneessaa keessa kan jirantu moor asana dhaqqaban. Dubartoonni hedduun gudeedamaniiru.

Walitti bu’iinsi kun mirga namaa irratti kan fuuleffate imaammata aalaa irratti akka fuuleffatu qormaata bulchiinsa Baayiden jalqabaa ta’ee mul’ateera. Koonsi guyyoota lamaa oliif Abiy waliin sa’aatilee shaniif mari’ataniiru. Itti dabaluu dhaanis angawoota mootummaa gameeyyii, komiishinera ol aanaa komiishina mirga namaa Itiyoopiyaa fi dura taa’aa komiishina gamtaa Afriikaa, dhaabolii dhuunfaa, fi miseensota hawaasa diplomaasummaa waliin marii geggeessaniiru. Miseensota humnoota isa kmii iyyuu haa ta’an muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa kanneen dhiittaa mirga namaa raawwatan akka itti gaafataman waadaa seenuu isaanii garuu sneterichi Amaarikaa simatanii jiran.

XS
SM
MD
LG