Xurree ittiin seenan

Breaking News

AstraaZenekaan Talaallii COVID 19 Ilaalchisee Odeeffannoo Haaraa Kenne  


Talaallii COVID -19 kan AstraZeneca fi Yuniversitii Oxfordn oomishame milkaa’ina isaa ilaalchisuun falmii jiru irratti roobii galgala waliin ta’uun ibsa kennanii jiran

Odeffannoo haaraan kun yaalii sadarkaa dhumaa kan namoota Yunaayitid Isteetis keessaa 30,000 ta’an irratti yaalameef talalliin kun lama yoo fudhatan mallattoo vaayiresii koronaa dhibba iraa harka 76% dhabamsiisuu danda’a ka jedhu irratti hundaa’uu dhaani.

Lakkoobsi haaraan kun kan duraan kampanii dawaa Briteenii fi Swidinii guddichaan wixata darbe beeksisame kan talaalliin kun dhibba irraa harka %79 milkaa’ina qaba jedhu keessa deebi’uun kan xiinxale.

Kunis sa’aatilee hanga tokko erga dhaabi dhimma dawaa to’atu ijoon kan mootumaa Ameerikaa galmeen kuii fi boordiin qorannaa geggeessu Astrazeneca odeeffannoo yeroon itti darbe fayyadame jedhee booda ija shakkiin ilaalame.

Ibsi boordii walabaa kan hayyootaa biraa kenname talaallii Astraazeneekaaf danqaa boodana isa mudate. Sababaa dhiiga ititcha jedhme waliin wal qabatee biyyoonni Awrooppaa hedduun talaallii kana fudhachuu dhaabanii jiran.

XS
SM
MD
LG