Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjirri Komiishinera Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa fi Komiishini Mrga Namaa Itiyoopiyaa Waliin Ta’uun Ibsa Kennan 


Waajjirri komiishinera mirga namaa kan tokkummaa motummotaa fi komiishinni mirga namaa tiyoopiyaa, walitti bu’iinsa Tigraay keessaa irratti dhiittaa mirga namaa fi dararaa qaamotii maraan raawwatame jedhame ilaalchisee adeemsa itti gaafatamamummaa amanataa qabu irratti waliin ta’uun qorannaa geggeessuuf walii galanii jiran.

Komiishinni mirga namaa Itiyoopiyaa fi waajjirri komishinera mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa erga walitti bu’iinsi sun Sadaasa 4 bara 2020 jalqabee as haala mirga namaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiran.

Jaarmoliin lamaan gabaasaalee dhiittaa mirga namaa hamaa fi dararaa akkasumas dhiibbaa walitti bu’iinsi sun uummata irraan ga’e ilaalchisee yaaddoo qabaachuu isaanii ibsanii jiran.

Walitti bu’iinsa sana keessatti kan hirmaatan qaamotii hedduu fi dhiittaan mirga namaa raawwatame hamaa ta’uun qorannaa qabatamaa fi walabaa kan hatattamaa barbaada.

Qorannaa waliin ta’uun geggeessamu keessatti walii galteen taasisame mirga namaa eegsisuu akkasumas seera mirga namaa kan sadarkaa adduyaa fi dhiittaa seera mirga namaa kan addunyaa ilaalchisee itti gaafatamni akka jiraatu kaayyoo waliinii irratti hundaa’uu dhaan jaarmolii lamaan gidduutti michummaa uumamee fi ba’ii hirmaannaa taasisamee ti.

Walitti bu’iinsa Tigraay keessatti qaamni martinuu dhiittaa mirga namaa raawwatanif qorannaan dhaabolii kanaan akka geggeessamu eeyamameera. Qoratoonni hanga danda’ame hatattamaan baatilee sadii jalabaaf bobbaafamuuf jiru.

XS
SM
MD
LG