Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irratti Uummanni Miliyoonni 174 Beela Cimaan Gidiramaa Jiraachun Ibsame


Faayilii - Lamiilee Itoophiyaa mooraa baqattootaa Um-Raqubaa jiran, Muddee 11, 2020
Faayilii - Lamiilee Itoophiyaa mooraa baqattootaa Um-Raqubaa jiran, Muddee 11, 2020

Jaarmayaa Nyaataa fi Qonnaa, ka Tokkummaa Mootummootaa fi Sagantaa Nyaata Addunyaatiin gabaasaan bahe tokko guutummaa Addunyaa irratti uummatni miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona toorbaatamii afur tahu ka beela cimaan gidiramaa jiru tahuu akeekkachiisee, “namoonni gargaarsa sadarkaa Addunyaa dhabanii du’aa jiran” jedha.

Liisaa Shilaayin Waajira Tokkumaa Mootummootaa Jenevaa jiru irraa akka gabaastetti, namoonni beelaan baay’ee miidhaman irra jireessi biyyoota digdama bakka haalli hammaate yokaan “Hot Sports” jedhaman keessatti argaman tahuun eeramee jira.

Biyyoota bakka namoonni beela gar-malee hamaa lubbuu galaafatuun itti gidiramaa jiran isaan duraa Yemen, Sudaan Kibbaa fi Naayijeriyaa Kaabaa akka tahe hubachiise gabaasichi sadarkaa Addunyaa.

Beela hamaa kanaan sababaaleen walitti hidhatoota tahan hedduun akka jiran ka dubbatan – daarektarri waajira Jaarmayaa Nyaataa fi Qonnaa, magaalaa Jenevaa maadheffatee – Doominik Burgiyoon, warri jalqabaa walitti-bu’insa yokaan hookkara hidhannoon geggeessamu fi kufinsa galii dinagdee sababaa Koovid 19n dhufe akka tahe hubachiisan.

XS
SM
MD
LG