Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aksum Keessatti Sarbinsi Mirga Namoomaa Cimaan Raawwatameera: Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa


Nama uffata waraana Ertiraa uffatee naanoo magaala Aksum keessa miilaan deemu, Bitootessa 18, 2021
Nama uffata waraana Ertiraa uffatee naanoo magaala Aksum keessa miilaan deemu, Bitootessa 18, 2021

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, sarbinsi mirga namoomaa cimaan magaalaa Aksum, kan naannoo Tigiraay keessatti namoota siivilii yokaan hidhannoo hin qabne irratti raaw’atamee jira, jechuudhaan akka qorannaan walii-galaa irratti geggeessamu gaafatee jira.

Koomishinichi gabaasaa sadarkaa duraa har’a baaseen, “Guyyoota lama gabaasichi irratti hundaa’uun qopheessame Sadaasa 28 fi 29, bara 2020 keessatti namoonni hidhannoo hin qabne yokaan siiviloonni dhibba tokkoo ol loltoota Ertiraatiin ajjeesaman,” jedha.

Gabaasaan sadarkaa duraa, Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa baase kun, “Miidhaan mirga dhala-namaa humnoota Ertiraatiin bal’inaan geggeessame kun akka yakka idileetti kan ilaalamu miti. Akka cabinsa seerawwanii fi qajeelfamoota mirga namoomaa sadarkaa addunyaa dhimmi isaa ilaallatutti ilaalalama,” jedhee jira – jechuudhaan, Yonaataan Zebdiwoos gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG