Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bosonni Jibaat Gubataa Jira Jedhame 


Bosona Jibaat, Godina Shawaa Lixaa
Bosona Jibaat, Godina Shawaa Lixaa

Bosonni Uumamaa Jibaat, Daangaa aanolee Godina Shawaa Lixaa afur jidduutti argamu, erga Kibxata dheengaddaatii gubataa jira” jechuun jiraattota keessaa hagi tokko dubbatan.

Bosonni Jibaat Gubataa Jira Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:24 0:00

Osoo Bosonni Jibaat gubachuu hin jalqabin dura humnootni naga-eegumsa Mootummaa Shiftaa sakattaana jechuun meeshaa waraanaa dhukaasaa waan turaniif, gochi isaanii kun sababaa ka’umsa ibiddichaa tahuu mala jedhan, jiraattotni kun.

Bulchitootni Aanolee ka Bosonni Jibaat gara caalu keessatti argama jedhama – jedhamuu ka Jibaatiifi Liiban Jaawwii ammoo, Humnootni naga-eegumsaa ka’umsa ibidda sanaaf sababaa tahuu malan, ka jiraattonni jedhan ni haalan. Hawaasa waliin tahuun ibiddicha dhaamsuuf akka tattaafataa jiranis dubbatanii jiran.

Gama biraan, Dhaabbata Bosonaafi Bineensotaa Oromiyaatti, Itti gaafatamaan Distiriiktii Bosona Geedoofi Jibaat Obbo Warquu Baqqala, “bosonni Jibaat akka gubataa jiru amananii, Balaan nama irra gahe hin jiru” jedhan.

XS
SM
MD
LG