Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoonni Tigraay Loltoota Eertraa fi Itiyoopiyaan Humnaan Gudeedamuu Dubbatu 


Faayilii - Dubartii oggaa 30 loltoonni Eertiraa fi Itoophiyaa gamtaadhan ishii gudeeduu himattee fi hoospitaala Maqalee keessatti yaalamaa jirtu, Guraandhala 27, 2021

Tigraay keessatti dubartoonnii fi durboonni haeellaan humnaan gudeeddii irratti raawwatamuu dubbatan kanneen 580 ol ta’an miidhaa qaamaa fi sammuuf kan saaxilaman ta’uu VOAf ibsaniiru. Gargaarsa argachuuf gara waaltaalee eegumsa fayyaa addaa addaa dhaqan miidhamtoonni kun umuriin isaanii waggaa saddeetii hanga sagaltamaa akka ga’u ragaan waajjira dhimma dubartootaa irraa argame tuqee jira.

Haleellaa irratti raawwatameen dhibee kan akka HIV fi dhukkuboota dadarban ka biroos kan saaxilaman, miidhaan qaamaa kan irra ga’ee fi ulfa of irraa baasuuf kan dirqaman jiraachuun ibsamee jira.

Dubartoonni Tigraay Loltoota Eertraa fi Itiyoopiyaan Humnaan Gudeedamuu Dubbatu
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:11 0:00


Yaadawwan Ilaali (19)

XS
SM
MD
LG