Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Itiyoopiyaa Irratti Miseensi Koree Hariiroo Alaa Ameerikaa Ibsa Baasan 


Lammiiwwan Itoophiyaa Tigraay irraa gara Sudaan baqatan Takazee yeroo cehan, Sadaasa 21, 2020

Miseensa hariiroo koree alaa kan Seneterri Yunaayitid Isteetis Jim Rish erga koreen sun seera fi wixineelee 13 baasee booda ibsa baasanii jiran.

“Koreen kun har’a walitti dhufee seera hedduu kan baay’ee barbaachisu dabarsuu isaaf nan gammada jedhan Risch. Dursee Seneter Kaardiinii fi miseensota koree kanaa ka biroo saddeet waliin ta’uun wixinee wixinee Itiyoopiyaa ilaallatu kan S. Res. 97, jedhu dabarsuu isaaniif nan galateeffadha jedhan.

Yeroon ce’umsaa Itiyoopiyaa qormaanni guddaan isa mudatee jiru kanatti, wixineen murtii kun darbuun isaa, michuu keenya Itiyoopiyaa fi mootummaa keenyaaf, loltoota Eertraa biyyattii keessaa baasuu, hookkara dhaabuu fi Itiyoopiyaan daandiitti akka deebituuf dhaloota keessatti yeroo tokko kan ta’u ce’umsa dimokraatawaan dhimma dursi kennamuufii qabu ta’uu isaaf ergaa gam lamaan irratti walii gale dabarsa jedhan

Yaadawwan Ilaali (26)

XS
SM
MD
LG