Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Keessatti Hiriirri Mormii Itti Fufe 


Daandilee Maayanamaar duwwaatti kan hambise hoji dhaabinsi geggeessamee guyyaa tokko booda hiriirtonni mormii kamisa har’aa bulchiinsa waraanaa biyyattii mormuuf daandiitti ba’anii jiran.

Majgaalaa Mawalammyinee fi Hapa-an keessaa humnoonni mootummaa hiriira sana bittimsuuf humna gargaaramuu gabaasaaleen adda addaa ibsaa jiran.

Loltoonni mootummaa hiriirtota mormii kanneen sirna dungoo qabsiisuu geggeessan irratti haleellaa geggeessaniin yoo xiqqaate namni tokko du’uun gabaasamee jira.

Qabsaa’onni deggertoota dimokraasii roobii kaleessaa namni manaa akka hin baane fi daldalawwan akka hin banamne gaafatanii jiran. Tooftaan haaraan kunis waraanni hiriirtota mormii ba’an irratti tarkaanfii ajjeechaa inni fudhatu ittisuuf jecha.

Gareen qabsaa’ota naannoo kan AAPP jedhamu akka jedhetti ennaa waraanni hiriirtota kana adamsetti yoo xiqqaate namoonni 286 ajjeefamaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessaa mucaa durbaa umuriin waggaa torba ennaa loltoonni mana itti cabsanii ol seenanitti itti dhukaafamuun ajjeefamte ta’uu Rooyitersii fi dhaabi Mayanamar Now ka jedhaman gabaasaniiru. Mucaan ajjeefamte loltoonni manatti ol seenanii namni manatti hafe jiraa jedhanii gaafatanitti jilba abbaa isee irra ta’aa ka turte ta’uun gabaasamee jira. Abbaan eeyee namni jira ennaa jedhutti loltoonni sobduu dha

Gareen mrgaaf falmu kan naannoo sanaa erga hookkarri sun jalqabee as namoota 2,900tu to’annaa jala oolan.

XS
SM
MD
LG