Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Waraana Ishee Daangaa Itiyoophiyaa Keessaa Baasuuf Tole Jette: M.M Abiyyi Ahmad


Wootummaan Ertraa looltoota isaa baasuuf tole jechuun isaa ibsamuus yoom akka ta'u garu hin ibsamne. Warraannii Ertraa yeroo gadhiisee ba'u garu Raayyaa Ittisa Biyyaa kan mootummaa Fedeeraala Itiyoophiyaatu bakka bu'uun daangaa eegsiisa jedhamee jira.

Yunaaytid Isteetsiin dabalatee mootummonni adda addaa akkasumas jaarmayoonni addunyaa waraanni Ertraa akka ba'uuf gaafataa turuun ni yaadatama.

Kamiisa kaleessaa waaree booda daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Asmaaraa kan seenan mummichi minsteera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad imaltuu isaanii xumuruun Jimaata har'a ganaman gara biyya ofitti deebi'an.

Angawoonni lamee dhimmootii walta'iinsa biyyoota lameen gidduu fi karoora misoomaa tarsiimoo qabeessa ta'e kan walii irratti dubbachuun ibsamee jira.

Baatilee darban shan keessatti dullii waraanaa Addi Bilisummaa Uummata Tigraayiin labsamee fi haaleellaa hin eegamiin sana hordofee dhufe achiis maqa balleessiin jiru deemsa walii kan biyyoota lameenii kan jajjabeessuu fi muxannoon kan irraa argame garu danqaa yeroo ta'u hogganoonni lameen dubbachuu isaanii ministeerri beeksisaa kan Ertraa ibsee jira.

Mariin hogganoota lameenii ku Finfinnee keessatti kan itti fufuu ta'uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG