Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komaand Poost Tarkaanfiin Akka Fudhatamuuf ajaja Kennuu Isaa Ibse Jira


Komaand Poostiin har’a ibsa baaseen nagaa fi tasagabii uummataa jeequuf qaamoota sosso’an jedhe irrati tarkaanfii barbaachisu akka fudhatamuuf ajaja kennuu isaa beeksisee jira.Guyyoota darban lamaa fi sadii keessatti keessumaa magaalaa Naqamtee fi Dambii Dolloo keessatti humnootiin seeraan alaa nagaa fi tasgabii uummataa boreessuuf yaaluu bira taree humnootii nageenyaa irratti bombii harkaa darbachuun balaa geesisuuf socho’an jedhe.

Humnootiin nageenyaa nagaa fi tasgabii mirkaneessuuf yaalii godhan keessatti lubbuun namaa akka hin badnee eggannoo gochaa akka jiran ibsii kun xuqee qajeelfama kenname hojii irra oolchuuf rakkataa fi haala balaaf saaxiluu keessatti obsaan yaalaa jiru jedha.

Gama kaaniin bakka bu’oota uummataa kan Oromiyaa keessaa teessoo lafa jireenya isaanii sabaa himaa hawaasaa irratti barreefamee waan ba’eef humnootiin farreen nageenyaa mana jara kanaa dhaquun akkasumas bilbiluun dorsiisaa akka jiran bakka bu’onnii uummataa fi maatiin isaanii ibsaa jiru jedhee jira.

Knaaf komaand post humnootii hojii kana irratti bobba’an seeraan tarkaanfii akka fudhatu uummannis jireenyaa fi qabeenya isaa eeguuf humnootii nageenyaa cina hiriiruu isaaf galateffatee gocha kanas akka itti fufuuf gaafatee jira.

Komaand Poost Tarkaanfiin Akka Fudhatamuuf ajaja Kennuu Isaa Ibse Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

XS
SM
MD
LG