Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasii Amerikaa: ”Ejjennaan Labsii Muddamsaa Irratti Qabnu Hin Jijjiramne”


US Ambassador to Ethiopia Ambassador Raynor
US Ambassador to Ethiopia Ambassador Raynor

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Maaykil Reneer ministrii dantaa alaa Itiyoopgiyaan waamamanii labsii yeroo muddamsaa biyyattiin labsite irratti ejjennaa qaban irratti ibsa akka kennan gaafataman jechuun gaazexaan biyya keessaa Ripoortar jedhamu gabaasee ture.

Garu Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruuf dubbii himaa kan ta’an Nikolaas Barnet walgahiin gaggeeffamee kan sadarkaa dhunfaa ta’u ibsuun waa’ee irratti dudubbatame ibsuu hin feenu jedhan.

Gama kaaniin wanni gaazexaa Ripoortar irratti ba’e Ambaasadirichas ta’e Embaasii Amerikaa kan bakka bu’u miti jedhan.

Labsii yeroo muddamsaa kan ilaaleen ejjennaa qabnuu fi ibsii baafne kan jijjiramu miti jechuun irra deebi’anii mirkaneessan.

XS
SM
MD
LG