Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maddii Aangoo Keenyaa Oromiyaa fi Saba Oromoo tI:  Prezidaant Lammaa Magarsaa


Obboo Lammaa Magarsaa
Obboo Lammaa Magarsaa

Hoggana Dhaabbata Dimokraatawaa Uummata Oromoo (OPDO) keessatti jijjirraa aangoo Guraandhala 22 bara 2018 gaggeeffame kan ilaaleen Kamisa kaleessaa Televiaiyoona OBN irratti ibsa kan kennan prezidaantiin mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa waa’ee qooda mootummaa Federaalaa keessaa qabaanuu yeroo ilaalluu kan Oromiyaa dagatamuu hin qabu jedhan.

Jijjirraan aangoo gaggeeffame inni tokko isa Kaan caalee ykn gad ta’e otoo hin taane kamtuu caalaatti bu’aa qaba? kan jedhu ilaalamee tooftaaf ta’uu ibsan. Dhiibbaa tokko malee amantaa guutuun jijjirraan aangoo kun gaggeeffamuu ibsanii dhiibbaan hojjachuun tuffii uummataaf jiru agarsiisa jedhan.

Bakka silaa yaadame dhaqqabuuf takaallaan akka jiru yaadachisanii ammas yoo ta’e shiraa fi dabni hin jiru jechuun hin danda’amu jedhu. Knaaf jecha hogganni tokko ta’ee jabaachuu fi waan hin hojjatamiin hafan hundumaa xumuruun milkaa’inaaf hundee ta’u hubachiisan.

Saba kabajaa fi ulfiina nutti horee beekamtii nu kenne sana abdannee hojjenne, boris akkasuma jechuun prezidaant Lammaa Magarsaa ibsanii jiru.

Maddii Aangoo Keenyaa Oromiyaa fi Saba Oromoo tI:  Prezidaant Lammaa Magarsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:30 0:00

XS
SM
MD
LG