Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Hidhaman Hin Hikamnee, Gaaffiin Keenyas Deebii Hin Arganne.Jiraattoota Walqixxee


Godiina Guraageef magaalaa guddoo kan taa’e Walqixxee keessatti mormiin jalqabame torban tokko kan lakkofsisee ta’uus kanneen gidduu kana hidhaman keessaa kan hiikamee hin jiru gaaffiin uummataas deebii hin arganne jedhu jiraattonni.

Kanneen hidhaman hangii tokko buufata polisii magaalattii keessa ka jiran ta’u fi warrii guyyaa jalqabaa qabaman gara Xollaayti geeffaman jedhu. Namii lama ajjeefamuu kan ibsan ta’uus aangawoonni garu nama tokko qofatu du’u ibsan.

Kanneen hidhaman 47 keessaa kanneen yakka rawwatan qoratamanii irraa jala gadhifamuu fi yeroo ammaa nama 11 qofti hidhaa keessa akka jiran waajirri dhimmootii Komunikeeshinii kan bulchiinsa naannoo beeksisanii jiru.

Kanneen Hidhaman Hin Hikamnee, Gaaffiin Keenyas Deebii Hin Arganne.Jiraattoota Walqixxee
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG