Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Aangawoonni Itoophiyaa Gaaffiilee Ka’aa Turaniif Deebii Kennuuf Waadaa Seenan Hojiirra Hin Oolchine"


Ka Waajirri isaa guddaan magaalaa London keessa maadheffate – Jaarmayaan mirga dhala-namaaf falmu – Amnesty international, haala qabinsa mirga namoomaa biyyoota Addunyaa 159 keessaa ka bara kuma lamaa fi kudha-toorbaa irratti gabaasaa baasee jira.

Itiyoophiyaa ilaachisuudhaanis, aangawoonni mootummaa, mormiilee uummataa bara 2015 irraa jalqabanii bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti geggessamaa turan irratti gaaffiilee ka’aa turaniif deebii kennuuf waadaa seenaa hojii irra hin oolchine – jedha.

Amnesty internationalitti, qorataan qabinsa mirga dhala-namaa biyyoota Gaanfa Afrikaa – Obbo Fissehaa Teklee, Itiyoophiyaa ilaqalchisuudhaan, qabiyyee gabaasaa Amnesty keessatti barreeffamee jiru ennaa ibsan “Itiyoophiyaa ilaalchisee wanni lafa kaayamee jiru, waggaa dabre, caabinsawwan mirgaa adda addaa akka mul’atan agarsiisa – gabaasaan waggaa sun. Haaluma kanaan, bakkawwan adda addaatti keessumaa humnoota nageenyaatiin namoonni hedduun akka ajjeesaman, kana irrattis, humnoonni nageenyaa, cabinsa mirga dhala-namaa raaw’atan sanaaf akka itti hin gaafatamiin, itti-gaafamtoota gochuudhaafis gama seeraatiin tarkaanfiin fudhatame akka hin jirre agarsiisa – jedhan.

Itti-fufuudhaanis, gabaasaa sana keessatti kan baay’ee guddatee mul’atu – jedhu – qorataan mirga dhala-namaa, kan Amnesty International – Fessehaa Teklee “keessumaa, gabaasaa waggaa sana keessatti, dhalattoota Oromoo bulchiinsa naannoo Somaalee keessa jiraatan irratti kan raaw’atame – hariyatama guddaa fi qehee ofii irraa fonqolchuu dha. Akkuma yaadattan, Jigjigaa, Toogoo-wucaalee, Dagaaburii fi bakkawwan naannoo Somaalee keessa jiran ka biroo keessatti lammiwwan Oromoo garii ka dhalatanii guddatan ta’e iyyuu sababaa lammummaa isaaniitiif akka buqqa’an taasisamuu isaa gabaasee jira. Kana malees lammiwwan naannoo daangaa lameenii jiraatan humnoota nageenyaa, keessumaa, humna Somaalee “Liyyuu Hayil” jedhamuun qehee isaanii buqqisamuun isaa gabaasamee jira.”

Yeroo gabaasaan sun qindaawetti walumaa galatt lakkoobsi namoota buqqisamanii kuma dhibba shan turan. Amma garuu, miliyoona tokko gahee jira – jechuun qabiyyee gabaasichaa bal’inaan ibsanii jiran – qorataan Amnesty International kun.

"Aangawoonni Itoophiyaa Gaaffiilee Ka’aa Turaniif Deebii Kennuuf Waadaa Seenan Hojiirra Hin Oolchine"
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:37 0:00

XS
SM
MD
LG