Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiina Mirga Namooma Itoophiyaa;Nagaa eegdoti biyyatii ijjeechaa Hacaaluu Hundeessaa duuba nama 75 caala galaafatani hedduu madeessan


Ethiopian Human Rights Commission

Akka Koomishiina miga namaa Itoophiyaatti gabaasa haaraa baaseen jedhetti ijjeechaan gosaa tun tun jeequmsa Waxabajjii fi Adoolessaa keessa

Jeequmsa gaafasiitiin akka gabaasa kanaatti namii gareen wal ijaaree nama fixa, dhaanaa,saamaa ture.Nama 30 caalaa gorra’an akka hamaa dhaananii maqaa gosaatiin arrabsaa karaa irra harkisan.

Akka kanaan naannoo wal dhabii gosaa keessatti hammaatetti nama 123 fixan nama 500 caalaatti miidhame jedha.

Wanjala ilmee namaa irratti hojjatan kana malaa gara garaatiin fayyadamanii akka malee baballisan jedha gabaasii koomishinichaa.

Waan muummee minsitera Itoophiyaa Noobel badhaafame, Abiy Ahmed rakkise keessaa innii guddaan akka gabaasa koomishiinii mirga namaa Itoophiyaatti jeequmsa gosaati. Innii ammoo akka ummatii walii obsee wal dandahu fedha jedha.

Jeequmsaa fi ijjeeechaan tun Waxabajjii fi Adoolessa keessaa eegi weellisaa Oromoo beekamaa, Hacaaluu Hundeessaa ijjeesanitti aante.

Jeequmsaa fi ijjeechaa Hacaaluutiin duubatti dhufteen akka gabaasii koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa jedhetti nama hedduutti mana ufii keesastti akka hamaan miidhame.

Gareen wal jaaranii hiriiraan mormiitiin wal qabatee nama dhuunfaa manuma keesatti dhaanaa,kaan dhagaan kaan ammoo shiboo elektirikiitiin dhaanaa, kaan agaraan,kaan billaan waraanaa kaan ammoo karaa irratti ijjeesaa turan jedha.

Jeequmsa kanaan nama 6,000 caalaatti baqae qabeenna 900 caalaa saaman, gubanii balleessan jedha gabaasii kun.

Akka gabaasa koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa kanaatti jeequmsii kun gosa Amaaraatii fi amantii Ortodoksii irratti xiyyeeffate.

Warrii nagaa eegu saatii akkasiitti hujii jabduu qabaatullee akkaataan isaan itti nagaa eegan,humnitii isaan ittiin deeman saatii akkasii sunitti waan akka malee nama shakkisiisaa qaba, jedha gabaasii kun.Nama rasaasaa mataa dhawan,qoma dhawan,dudda duubaan dhawan faatti jira.

Namii hagii tokko ka hiriira keessa hin jirre,wal dhaba araarsaa ture,jaarsa, namoota balbaluma irratti rasaaaan dhawaman,nama mataan fayyaa hin tahin rasaasaan dhahan faatti jira. Poolisiilleen warra I’ijeesan keessaa jiru.

Poolisii fi bulchootilleen ummata iyyatee gargaarsa gaafate dafanii yeroo isaan hin dhaqqabinitti jira dhufanillee dhaabatanii yeroo ilaalanitti jira jedha gabaasii kun.

Gabaasii kun karaan biyyiti irra deemte nama yaaddessa jedhe. Waan gabaasa kanaa irratti yoosuma deebii hin kennine.

Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa qorannoo tana fulaa gara garaa 40 keessaa ummataa irraa qorate.

Akkaataan nama itti ijjeesan, waltitti qabanii fixuu,gara hammeennaan fixuu mumullatuu kanaan ummatii miidhamuu hin qabu jedha koomishiinii kun.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG