Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Misaayilli Isheen Furguggiste Milkaa’uu Dhabuu Ilaalichisee ni Calliste


Namoota misaayelii Kooriyaan Kaabaa furguggiste TV irratti laalan, Bitootessa 16,2022
Namoota misaayelii Kooriyaan Kaabaa furguggiste TV irratti laalan, Bitootessa 16,2022

Kooriyaan kaabaa naannoo Piyoong yaangitti caccabaan isaa adda faca’uun isaa kan himame misaayila fugguggifamee utuun hin milkaa’in qilleensa keessatti dho’e ilaalchisee callistee jirti.

Sabaa himaan mootummaa haala mudate ilaalchise yaada hin kennine. Sabaa himaan mootummaa silaa kana dura misaayilli furguggifamee borumtaa gabaasa, garuu waa’ee misaa’ila fugruggifamee hin milkaa’in hafee galmee wal dha’e qabu.

Misaayilichi buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Kooriyaa kaabaa irraa dhukaafamee yeroo xiqqoo booda qilleensa keessatti dho’e jechuun waraanni Kooriyaa kibbaa beeksise.

Dhaabbati oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhaap akka gabaasetti dho’iinsi sun kan mudate fageenya km 20 erga ol ka’ee booda. Rakkoon isaa maal akka ta’e hin beekamin jira.

Se’ool keessa kan maadheffate caasaan oduu Kooriyaa kaabaa madda gamasii wabeeffatee, caccabaan misaaayla furguggifamee magaalaa galma mootummaa Kooriyaa kaabaatti argame jechuu dhaan suraalee fi kanneen ijaan argan tuquun gabaaseera.

Rookkeetiin sun bakka namoonni itti heddummaatetti furguggifamuuf dhiisuun hin beekamne garuu caccabaa sana qaofaa utuu hin taane summiin rookkeetii sana keessaa ba’u balaa uumuu mala jechuun hayyoonni akeekkachiisaniiru.

Waraanni Yunaayitid Isteetis tarkaanfii sana balaaleffatee, kooriyaan kaabaa gocha jeequmsaa itti dabalaa irraa akka of qusattu gaafatee jira. Waa’ee fashaluu dhukaasa misaayilaa sana garuu hin ibsine.

Angawoonni Yunaayitid Isteetis, Kooriyaan kaabaa yeroo dhiyootti saatelaayitii furguggisuu fakkeessuu dhaan misaayila baalistikaa ardii qaxxaamuru yaaluu akka dandeessu akeekkachiisee jira.

XS
SM
MD
LG