Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lakkofsi baqattoota Mooyyalee Itiyoophiyaa gara Keeniyaa dhufan dabalaa jira’ waldaa Fannoo Diimaa


Waldaan Fannoo Diimaa Ka Damee Keeniyaa lakkoofsi baqattootaa Kan magaalaa Mooyyalee baqatanii Keeniyaa seenaa jiran dabalaa jiraachuu beeksise. Harra ibsa baaseen dhaabbatichi ‘Keeniyaa keessatti haga yoonaa baqattoota Itiyoophiyaa kuma 9 fi dhibba 5 ol simachuu ibse.

Baqattoonni Mooyyalee kanneen Keeniyaa seenan buufata adda addaa keessa tamsaa’anii jiranis gargaarsa tola ooltummaa kennuufii akka itti fufu kan ibse.

Gama biroon baqattoonni buufataalee qubannaa Keeniyaa keessa jiran, bakkee waan bulaa jiranuuf daa’imman isaanii dhukkubsachaa jiraachuu dubbatu.

Rakkoo baqattoonni kaasan kanas dubbi himaan Waldaa Fannoo Diimaa Ka Damee Keeniyaa Noohelaa Musaandii dhaabbati isaanii haga danda’e Daa’immanii fi dubartoota ulfaaf dursa kennee gargaaraa akka jiru’ kan dubbatan.

Galmoo Daawit dabalata isaa qindeesseera

Lakkoobsi Namoota Keniyaatti Dheessanii Dabalee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:01 0:00

XS
SM
MD
LG