Mootummoota gamtoomanitti wajjirri dhimoota gargaarsa atattamaa (OCHA)n, gabasa oggaa walakkaa han bara 2016 akkaataa gargaarssi namoota rakkataniif godhamaa turee irratti xiyyeeffatu harra baasee. Gabasichi hojiin gargaarsaa haala yaachisaa keessa jiraachuu isaa agarsiisa.
Akka addunyaatti namoonni gargaarsa atattamaa barbaadan miliyoona 100 fi miliyoona 30 gahuu isa fi lakkoofsi kun, bayyina namoota gargaarsa barbaadan jedhee ,motummoonni gamtooman lafa godhee, gara miliyoona 44tin caaluu isaa beeksise OCHAn.
Kunis, mallaqa gargaarsaf ramadamu gara miliyoona lamaa amma miliyoonaa 21.6tin dabala. Mallaqni kuni namoota rakkina hammataa keessa jiran miliyoona 95 gargaaruuf oluuf barbaddama. Hata’uu malee, amma maatti gargaarsi argamee harka wajjirichaa gale miliyoona 5.5 qofa.
Jens Learke dubbii himaa ochaati. Gaafiif deebii Sagalee Amerikaa wajjin godheratti gargaarsa dhabbanni isaa godhu keessaa harkki 80mni naannoo walitti bu’insi jirutti namoota midhamaniif akka oolu hima.
Kanamalees akkaata hin eegamneen namonin yeroo dha yerootti qeheedhaf biyya isaanirra buqa’uun hojii dhabatoonni hojii gargaarsaa hojjatan assiif achi akka hiran godhuu fi hammeessu isaa ibse, dubbiihiman ochaa.
Karaa biraatin, gabaasni haaraan kun haallii qilleensaa jijjiramuu, roobnni gudda bu’uun, laftti sosso’uunii fi balaawwaan umamaan dhufan akka addunyaatii lakkofsa nama gargaarsa barbaaduu ol kaasuu isaa agarsiisa. EL Ninoon Itoophiyaadhaa fi Zimbaabweetti ongee hammaataa gechisuu isa han yaadachiisu gabaasni OCHA , biyyoota lamaan kanatti , sanyiin akkuma facaheeti lafatti gadi hafuu fi beeladoonnii dhumuu isaanii tarreessa.