Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Briteen Gamtaa Awrooppaa Keessaa Ba’uuf Murteeffatan


Shufeeriin taaksii magaala Landanitti gammachuu isa ibsachaa oggaa deemu, Waxabajjii 24, 2016.
Shufeeriin taaksii magaala Landanitti gammachuu isa ibsachaa oggaa deemu, Waxabajjii 24, 2016.

Uummati Britain har’a sagalee walitti dhiyoo dhaan gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uu filatan. Sochii kana hoogganoonni Awrooppaa hangi tokko dogoggora guddaa dha ittiin jedhan.
Ba’ii murtii uummataa booda muummichi minister Britain David Cameroon haasaa dhageessisaniin

Yunaaytiid Kiingidam Gamtaa Awroopaa dhiiste akka baatu sagalee ummataatin murtoofnan Deevid Kaameruun angoo gadhiisuudha qophaahuu isaa beeksise.
Yunaaytiid Kiingidam Gamtaa Awroopaa dhiiste akka baatu sagalee ummataatin murtoofnan Deevid Kaameruun angoo gadhiisuudha qophaahuu isaa beeksise.

Uummati Britain waan addaa haala ifa ta’een waan murteessaniif biyyattiin hoogganaa haaraa karaa isaan filatan irra isaan geggeessuu kan isaan barbaachisu natti fakkaata jedhan.

Chancelorittiin Germany angela Merkel murtii uummata Britian kana gaddaan simanna jedhan. Kun Awrooppaa fi tokkummaa Awroppaa fi balaa guddaa ta’uun shakkii hin qabu.

Presidentiin gumii gamtaa Awrooppaa Donald Tusk har’a akka ibsanitti Britain gabaa addunyaa guddicha kan ta’e gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uun dogoggora, biyyoonni ka biroon kana hordofu jedhee hin amanu jedhan. Presidentiin Ferensaay Francois Hollande muirtii Britainitti akkaan gadduu isaanii ibsanii ibsanii, filannoo isaanii ni kabajna jedhan.

Kaadhimamaa prezidaantummaa paartii ripublikaanotaa ta’uuf kan dorgoman Donald Trump murtii Britain gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uuf irra geese ka deggeran ta’uu beeksisan.

Hoogganoonni gamtaa Awrooppaa hedduun murtii uummataa Britain gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uu biyya isaaniifis haalli wal fakkaataan akka ta’u dhiibbaa gochuuf carraa gaarii dha jedhan.

London keessa kan jiru “School of Oriental and Africa Studies” keessatti seenaa Oromoo irratti digirii doktoorummaa ykkn PHD hojjetaa kan jiran obbo Ittaanaa Habtee haala deemaa ture akkasumas amma jiru nuu ibsanii jiru.

Uummati Briteen Gamtaa Awrooppaa Keessaa Ba’uuf Murteeffatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:37 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG