Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barsiisonni Oromiyaa Keessaa Maal Jedhu? Waajirri Barnoota Oromiyaa woo?


Baratoota kutaa keessatti
Baratoota kutaa keessatti

Qormaatni biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan silaa barana kennamuuf ture ba’ee miidiyaalee hawaasummaan facaasamuu isaa irraa kan ka’e haqamuu isaa fi yeroon qoramaataa haaraan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 27 hanga 30 bara 2008 akka kennammu Ministarri barnootaa Itiyoophiyaa beeksisee ture.

Qormaatni sun akka baasamee facaasamu ka taasisame, mormii barattootaa baatiilee ja’aaf Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee, barattoonni sirnaan barnootaa isaanii hordofuu fi qormaatichaaf qophii gahaa gochuuf yeroo fi deggersa gahaa waan hin argatiniif jedhu geggeessitoonnii fi deggertoonni mormii Oromiyaa keessaa.

Guyyaan jijjirame kun immoo ayyaana ID AL FAXIR waliin wal irra waan ooleef jecha yeroo lammataaf guyyaan kun jijjiramee akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Adooleessa 4 hanga 7 bara 2008 akka kennamu murteeffamee jira.

Guyyaa yeroo lammataaf haaraa kenname kana irratti barsiisoonni manneen barumsaa sadarkaa lammaffaa Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiran yeroon kenname ga’aa miti jedhu.

Barsisoonni akka jedhantti mootummaan karoora qabu fixaan baasuuf yaaluu mannaa hegeree barattotaaf ilaalcha addaa kennuu qaba.

Ministriin barnootaa kan Federaala Itiyoophiyaa akka ibseetti qorannaa Oromiyaa irraa ergameetu guyyaa kana muruuf sababaa ta’e jedha.

Biiroon barnoota Oromiyaa immo kun murtii Oromiyaa qofa miti, bulchiinsa Federaalaa jalatti kan of bulchinu ta’uus biyya walii wajjiin ijaarru qabna jedha.

Gabaasa guutuu armaa gadiitticaqasaa.

Barsiisonni Oromiyaa Keessaa Maal Jedhu? Waajirri Barnoota Oromiyaa woo? Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:47 0:00
Xurree marsariitii

Barsiisonni Oromiyaa Keessaa Maal Jedhu? Waajirri Barnoota Oromiyaa woo? Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:38 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG