Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni magaalaa Mandii hiriira farra mootummaa geggeessan jedhu jiraattonniPoolisiin immoo himannaa sana ni haale


Faayilii - Mormii Oromiyaa
Faayilii - Mormii Oromiyaa

Godina Wallaggaa dhiyaa aanaa Manasibuu mgaalaan Mandii bakka hiriirri mormii Oromiyaa keessaa itti geggeessamaa ture keessaa tokko.

Magaalattii keessatti barattoonni mana brnootaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa mormii dhageessisuu dhaan kanneen hidhaman haa hiikaman garbrummaan nu ga’a jechaa dhaadannoo fi sirbaan komii isaanii ibsaa ka jiran ta’uu jiraattonni magaalattii ibsanii jiru. Humni poolisiis bobba’ee hiriira kana bittimsuuf jecha samiitti qabee dhukaasuu, ijoollee kana daandii irraa qabee reebuu dhaan kan miidhaman illee jiraachuu nuuf ibsanii jiran jiraattonni magaalaa Mandii.

Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa Mandii Inspeekter Aabbosee Faasil immoo immoo hiriirri geggeessames namni miidhames hin jiru magaalattiin nagaa dha jedha. Akkuma duraanii uummati jireenya isaa guyyuu geggeeffataa jira jechuu dhaan himannaa jiraattotaa kana haalanii jiran.

Barattoonni magaalaa Mandii hiriira farra mootummaa geggeessan jedhu jiraattonniPoolisiin immoo himannaa sana ni haale
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:22 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG