Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabnii Mirga Ilmaan Namaa Oromiyaan To’annuma Waraanaa Jala Jirti Jedhus Mootummaan Itoophiyaa Garuu Dhaabni Kun Dharuma Gabaasa Jedha


Faayilii - Humnoota mootummaa Itoophiyaa mormii Oromiyaa irratti
Faayilii - Humnoota mootummaa Itoophiyaa mormii Oromiyaa irratti

Gabaasnii Hiwumanan Raayitis Waach (HRW) fi koomishiniin Mirga Dhala nama Itoophiyaa, mormiin Oromiyaa irratti midhaa gahe, akkasumaas lakkoofsa namoota ajjeefamanii fi hidhamanii himuu iratti adda adummaa guddaa qaban.

Ministirri dhimmoota koominikeeshinii Itoophiyaa, obboo Getaachoo Raddaa, “dhabni lamaan ammuma techoon wajjira saanii walirraa fagaatan gabaasni isaanis addaan fagaata,” jedhee, gaafi fi deebii gabaasaa Raadiyoo Ameerikaa, Heenook Samagzaabeer wajjin godheen. Getaachoon, Hiwuman Raaytis Waach akkataan itti waan jiru irratti daddabalee dhiheessu duris ammas fudhatama akka hin qabne dubbata.

HRW irraammoo qorataa Itoophiyaa fi Eertiraa han ta’e Fiilix Hoorn, “Koomishiiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa, tarkaanfiin humnoota mootummaatin fudhatame madaalawaa dha jechuudhaa waan isaa dandeechise hin beeknu” jedhee, barattoota roorroo fi rakkiina qaban karaa nagahaa dhageechisiifachuu dha karaatti bahan irratti humnoonni mootummaa dhukaasa kallattiidhan banuun madaalawwaa wan ta’ee miti jedha.

Mormii Oromiyaatin wal-qabatee dhimmota HRW irratti xiyyeeffate keessaa han biraan, hidhamuu weellistootaa, gaazexeessotaa fi hoggantootaf miseensota paartii siyaasaa mormiituu, keessumattu kan Kongressi Federaalii Oromooti.

Karaa biraatin ,mootummaan Itoophiyaa namoota qulqulluu mormii Oromiyaa irratti lubbun isaanii badee gadda itti dhagahamu ibsee maatii isaanii jajjabeessuu fi gumaa kaffaluufiidha waadaa galuun isaa hin yaadatama. Qorataan HRW dubbisne garuu, maatii ijoolleen jalaa du’an baayyee dubbisuu isaanii fi motummaan waan kanaa akka isaan hin qunnamne itti himuu dubbata.

Haala Oromiyaa amma akkamitti ibista jennanin, Fiilix “ammas haa xinnatu malee mormin jira” jedhee yeroo amma kana Oromiyaa keessa sodaa guddaan dubbate. Dabaluudhanis, “kuni bu’aa tarkaanfii gara jabinaa mootummaan fudhateeti” han jedhu qorataan HRW kun, Oromiyaan ammas to’annaa human waraanaa jala jiraachuun ishii mirkana jedha.

Gabaasni HRW, biyyoonni alaa mootummaa Itiyoophiyaa karaa adda addaatin qarqaaran yeroo humnoonni nageenyaa mootummaa Oromiyaa keessatti dhiiga nama hedduu dhangalaasan callisanii guddina Itiyoophiyaa dhaadhesan,jedhee, biyyattin akka guddattu hoo barbaadan dura mirgi namaa akka kabajamuu, keessaattu mirga dubbachuu fi warri miidhame haqa akka argatan dhibbaa gahaa gochuutu irraa eegama jedha.

Dhaabnii Mirga Ilmaan Namaa Oromiyaan To’annuma Waraanaa Jala Jirti Jedhus Mootummaan Itoophiyaa Garuu Dhaabni Kun Dharuma Gabaasa Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:55 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG