Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Qorannaa Komishinni  Mirga Dhala Namaa Itiyoopiyaa Gaggeesse Jedhu qorannaa Otoo Hin Taane Ejjennoo Isaa Agarsiisa"


Mormii Oromiyaa keessatti gaggeeffame irratti tarkaanfiin humnootii mootummaan fudhatame haala mudatee ture waliin kan wal gituu fi kan ta’uu qabu ture jechuun komishinni mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa beeksisee ture. Dura ta’aa komishinichaa kan ta’an Dr. Addisuu Gabre Egiziyaabheer akka jedhantti lakkofsi namoota ajjefamanii 173 yoo ta’u kanneen keessaa 14 miseensoota humna nageenyaa kanneen biroon 14 immoo miseensoota hoggana mootummaa turan jedhu. Jeequmsa dhaqqabe ittisuuf Raayyaan ittisaa, polisiin Federaalaa, polisoonni nannoo fi milishoonni seenanii ituu hin tasgabbeesine ta’e balaa kana caalaatu dhaqqaba ture jedhan. Qorannaan kunis of-eeggannaa guddaan qaama dhimmi ilaaluu haasoofsisuun qophaa’uu isaa Obbo Addisuun hubachisanii jiru.

Gama kaaniin hayyuu waa’ee seeraa kan ta’an Dr. Xaggaayee Araarsaa kun qorannaa otoo hin taane ejjennoo komishinichi qabu calaqqisa jedhan. Kanneen nama ajjesan hidhan dararaa adda addaa geesisan seeraan akka hin gaafatamne gochuu irratti fulleeffatee kan gaggeffame jedhanii mootummaan Itiyoophiyaa komishinichi haa qoratuu jedhee yeroo murteesse walaba akka hin taane beeka jedhu. Uummanni namni jalaa ajjefamee jalaa hidhamee fi eessa butee dhaban ituu hin haasoofsisin gabaasa ba’e kan sobaa akka ta’e kana malees namoonni komishinicha keessa jiran keessaa Oromoon tokko dhabamuun ragaa biraa ti jedhu.

Lakkobsii namoota ajjefamanii 400 ol ta’uun mirkana jedhanii kanneen biroon 500 ta’u jedhanis akka jiran ibsanii jiru. Ammas taanan dhimmi kun qaama walaba ta’een qoratamuu qaba jedhu Dr. Xaggaayee Araarsaa.

Xiinxala Qorannaa Komishinii Mirga Dhala Namaa Itiyoopiyaa Moormii Oromiyaa Keessaa Irratti Geggeessamee: Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:22 0:00
Xurree marsariitii
Xiinxala Qorannaa Komishinni  Mirga Dhala Namaa Itiyoopiyaa Moormii Oromiyaa Keessaa Irratti Geggeessamee: Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:50 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG